FOCUS FELLOWSHIP

AMBO MAIN CAMPUS

“Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne; inni garuu nu jaallate, Cubbuu keenyaafis furaa akka ta'utti ilma isaa nuu erge.”
— 1Yoh. 4:10

Galmee Miseensummaa

✅ Galmeen Milkaa'eera!

Magaa kee galmeessineerra. Waaqayyoo si haa ebbisu!

Focus fi Maalummaa Focus gabaabaatti!

Focus jechuun maal jechuudha? Afaan Oromootti gaafa hiikkatu Xiyyeeffannoo yoo ta'u qubee isa tokko tokkoon yoo hiiknu kana fakkaata:

Fellowship of
Oromo
Christian
University
Students

Bara 1990: University Finfinnee Kiloo 6tti rakkina ijoolleen keenya Afaan irratti qabduun wal qabatee kan dhaabbate yoo ta'u, erga hundaa'ees Waggaa 28 ol lakkoofsiseera.

Dameewwan: Yeroo ammaa kanammoo damee isaa babal'isuudhaan Focus damee 90 fi isaa ol biyyoota Itoophiyaa garaa garaa fi Ameerikaa dabalatee hundeessuu danda'eera.

Ambo Campus: Focus University Ambo Main Campus isaan keessaa tokko yoo taatu, bara 2001 hundaa'uun Waaqayyo ishee gargaaree erga hundeeffamtee lubbuu 5000 ol Mootummaa Waaqayyootti dabaluu dandeesseetti.

5000+
Lubbuu
90+
Damee
28+
Waggaa

Hubadhu!:

  • Doctiriini kam irraayyuu bilisa kan ta'e.
  • Ijoollee waldaa Amantootaa hundumaa of jalatti kan hammatu.
  • Ijoolleen yeroo mooraarraa gara maatiitti yeroo deebi'an Xalayaa tajaajilaa chaappessee kan geggeessu!
  • Tajaajila Holistic (hunda galeeffataa) kan laatu.
  • Waldaa hundumaa wajin tokkummaa kan qabu.
  • Hojii wangeelaaf wangeelaa qofa irratti kan fulleeffateedha.

"Yesuus keenya ni dhufa, fiigichi itti fufa!"